Monday, 3 December 2018

Prf Asmarom welcome

#Keessuummaan #Jajjabduun #gara #Goodiina #Booranaa #Dhufaa Jiirti! 💐💐💐💐
💐💐🏡Baga Gammaddan! 💐💐💐
❤️Nama nama kabajuu👉kabjuun, ka sii ulfeessee 👉ulfeessuun, kan sii Jaalatu👉 jaalachuun waan muurteessaa fi bu'uura jiruu fi Jiireenyaati
❤️Namnii tookko sii jaalachuu isaatiif ragaan guuddaan  jeechoota mi'awaa afaanii roobsu osoo hin ta'iin jaalalaaf kabajaa siif qabu qabatamaan hojjiin sii agarsiisu qaba
❤️Namnii Jaalala saba tookko ykn Jaalala ummataa qabu...... aadaa ummataa, dhuudhaa fi haala jiruufi jireenyaa haawaasaa, rakkoo haawaasa keessa jiruu fi KKF  beekuu qaba....karaa biraatiin Ka guuyyaa tookko biiyyuumaayu ijaan hin argin ykn takkaa ka qaamaan dhaqee hin beekne , teessoo naanawara taa'ee fooddaa TVItiin uummannii keenya... Sabnii keenya... jeedhe nuttii gadi haafarsuu YKN fiinfinnee taa'ee nuuti siirbu Jaalala #FOORJIIDI akka tahee Beekamaa dha😉
❤️Keessuumoota yeroo dhihoottii gara Goodiina Booranaa dhufan keessaa Haayyuu fi beekaan keenya kabajamaan professor Asmaaroom Lagasa isa tookko.
👉❤️professor Asmaaroom Lagasa  #NAMA❤️

🙏Siirnii Gadaa maala akka tahee aduunyaaf  gad baasee nama agarsiisee dha
🙏 Quu'annaa fi qoorannaa irrattii huundaa'uun qaroomina sabni oromo qabu baldhiinaani fi gadii fageenyaan adduunyaaf ibsee jira
🙏Siirnii gadaa oromo Sadarkaa UNESCO tii akka galmaa'uu Hoojiin innii hoojattee gahee guuddaa taphatee jira
🙏Barreesiitootaa fi qoorrattoonii heedduun Siirna gadaa irrattii hoojii hoojachuuf kaka'uumsa akka argatan goodhe jira.
🙏Galmee seenaa siirna gadaa dhalootaa dhalootattii darbuu nuuf guumaachee jira.
🙏Huundaa ol Oromoon aadaa miidhagaa, aadaa bareedaa fi haawwiisisaa, aadaa ofiiti nama madaqsuu fi goosattii dabalamanii jiraachuu, aadaa waan qaban walii qoodu, wal jaalachuu fi wal danda'uu akka qabuu asoosamaan osoo hin ta'iin qabatamaan nama aduunyaaf muuldhiise dha. Dhuugaa duubbachuuf hoojiin innii hoojatee baroota dheeraaf dinoota maqaa saba keenyaa xuureessaa tuuran qaanfachiise jira.
Kanaafiis Buulchaan Goodinaa Booranaa Obboo @.... Kessuummaan jaalatamaa fi kabajamaaa kun (keessuumoota kabajamoo biiraas dabalatee) akka dhuufan beeksiisun Gammachuu ittii dhagahmees ibsanii jiruu. Gammachuun tuun gammachuu fiixa nuuf baatu akka taatu abdii guutu qabuu ibsaa, haawaasnii keenya huundi diirqama nuurraa eegamu akka baanuu fi waan qabnuun akka biira dhaabanu yaamiicha obboolluummaa Kiiyyaa dabarsa ! 💐💐
@ABDULMALIK
donidanoromo.blogspot. com

No comments:

Post a Comment