Tuesday, 4 December 2018

Hin ta'iin

👉👉#Hin #ta'iin 👈👈
                    👇
👉Nama safuu hin qabne
👉Nama abdii kuutatuu
👉Nama nama inaafu
👉Nama Waadaa seene diigu
👉Nama kijiibuu
👉Nama of Jaalatu
👉Nama nama hin kabjane
👉Nama namaaf nama waliiti buusu
👉Nama galata namaa hin beekne
👉Nama haaqqii namaa nyaatu
👉Nama waan Ijaaramee diigu
👉Nama waan dhihoo fageesu
👉Nama waan mi'aawu haadheesu
👉Nama waan guurame haarcaasu
👉Nama duubbii dhuugaa dabsuu
👉Nama enyuummaa isaatiin hin boonne
👉Nama Ilaalcha Goosummaatiin xaxame
👉Nama Ilaalcha amantaatiin hiidhame
👉Nama Suummii arabaatiin nama idduu
👉Nama ilma namaati naasuu hin Qabne
                                👆
                           #Hin #ta'iin

Abdulmalik D Mohammed

Monday, 3 December 2018

Prf Asmarom welcome

#Keessuummaan #Jajjabduun #gara #Goodiina #Booranaa #Dhufaa Jiirti! 💐💐💐💐
💐💐🏡Baga Gammaddan! 💐💐💐
❤️Nama nama kabajuu👉kabjuun, ka sii ulfeessee 👉ulfeessuun, kan sii Jaalatu👉 jaalachuun waan muurteessaa fi bu'uura jiruu fi Jiireenyaati
❤️Namnii tookko sii jaalachuu isaatiif ragaan guuddaan  jeechoota mi'awaa afaanii roobsu osoo hin ta'iin jaalalaaf kabajaa siif qabu qabatamaan hojjiin sii agarsiisu qaba
❤️Namnii Jaalala saba tookko ykn Jaalala ummataa qabu...... aadaa ummataa, dhuudhaa fi haala jiruufi jireenyaa haawaasaa, rakkoo haawaasa keessa jiruu fi KKF  beekuu qaba....karaa biraatiin Ka guuyyaa tookko biiyyuumaayu ijaan hin argin ykn takkaa ka qaamaan dhaqee hin beekne , teessoo naanawara taa'ee fooddaa TVItiin uummannii keenya... Sabnii keenya... jeedhe nuttii gadi haafarsuu YKN fiinfinnee taa'ee nuuti siirbu Jaalala #FOORJIIDI akka tahee Beekamaa dha😉
❤️Keessuumoota yeroo dhihoottii gara Goodiina Booranaa dhufan keessaa Haayyuu fi beekaan keenya kabajamaan professor Asmaaroom Lagasa isa tookko.
👉❤️professor Asmaaroom Lagasa  #NAMA❤️

🙏Siirnii Gadaa maala akka tahee aduunyaaf  gad baasee nama agarsiisee dha
🙏 Quu'annaa fi qoorannaa irrattii huundaa'uun qaroomina sabni oromo qabu baldhiinaani fi gadii fageenyaan adduunyaaf ibsee jira
🙏Siirnii gadaa oromo Sadarkaa UNESCO tii akka galmaa'uu Hoojiin innii hoojattee gahee guuddaa taphatee jira
🙏Barreesiitootaa fi qoorrattoonii heedduun Siirna gadaa irrattii hoojii hoojachuuf kaka'uumsa akka argatan goodhe jira.
🙏Galmee seenaa siirna gadaa dhalootaa dhalootattii darbuu nuuf guumaachee jira.
🙏Huundaa ol Oromoon aadaa miidhagaa, aadaa bareedaa fi haawwiisisaa, aadaa ofiiti nama madaqsuu fi goosattii dabalamanii jiraachuu, aadaa waan qaban walii qoodu, wal jaalachuu fi wal danda'uu akka qabuu asoosamaan osoo hin ta'iin qabatamaan nama aduunyaaf muuldhiise dha. Dhuugaa duubbachuuf hoojiin innii hoojatee baroota dheeraaf dinoota maqaa saba keenyaa xuureessaa tuuran qaanfachiise jira.
Kanaafiis Buulchaan Goodinaa Booranaa Obboo @.... Kessuummaan jaalatamaa fi kabajamaaa kun (keessuumoota kabajamoo biiraas dabalatee) akka dhuufan beeksiisun Gammachuu ittii dhagahmees ibsanii jiruu. Gammachuun tuun gammachuu fiixa nuuf baatu akka taatu abdii guutu qabuu ibsaa, haawaasnii keenya huundi diirqama nuurraa eegamu akka baanuu fi waan qabnuun akka biira dhaabanu yaamiicha obboolluummaa Kiiyyaa dabarsa ! 💐💐
@ABDULMALIK
donidanoromo.blogspot. com

Saturday, 1 December 2018

Inaaffaa.... Envy

#Innaaffaa (#Haasidummaa).. #Envy 😈
Envy👉a feeling of discontented or resentful longing aroused by someone else's possessions, qualities, or luck.
Envy 👉desire to have a quality, possession, or other desirable thing belonging to (someone else).
👉Inaaffaan....  Dandeettii, Gahuumsa, hoorii, qabeeyna, Jiruu fi jireenya ykn miilkaa'iina namaatiiti haawwuun,... Inaaffaa jeedhame waamaama
👉Miilkaa'iina, dadhabbii, tattaafi fi xaarii nama /qaama biiraatiin argamee fuudhachuuf ykn dhuunfachuuf yaaluun Inaaffaa Jeedhama
⛓️⛓️⛓️⛓️Sadarkaa Inaaffaa⛓️⛓️⛓️
👉Inaaffaan maatii fi fiira jiidduu, Ollaa fi haawaasaa waliin jiraatan jiidduu,  hoogantoota fi angawoota jiidduu, Goosaa fi Goosa jiidduu..... Biiyyaa fi biiyya jidduuti... Waluumaa galattii Xiiqqaa Irraa (Sadarkaa maatii Irraa) haanga  Sadarkaa biiyyaattiti ni jira.
Sababa ykn madda Inaaffaa Maalii dha?
👉Madaallii gad- aanaa ofiif keennuu Irraa buurqa.
👉 waan qabaniittii quufu dhabu ykn ofiitti quufiinsa  dhabu Irraa madda (dissatisfaction with self-image—your perception of your actual stature.... low self-esteem)
👉Inaaffaan amala haamaa namoota dandeettii fi gahuumsa hin qabnee yoo tahuu Mallattoo dadhabdootaati
👉Namoonni amala Inaaffaa qaban namoota ofiitti amanummaa hin Qabne fi gad aantummaan ittii dhagahamuu dha
👉Inaaffaan akka Malee of jaalachuu Irraa buurqa.... Wanti huundi naan maltee Ilaalcha jeedhu Irraa ka'a
⛓️Mallattoon namoota amala Inaaffaani ⛓️
🚷Maqaa nama/qaama ittii inaafanii balleessuu
🚷Nama/Qaama ittii  Inaafaniifi qaama biiraa  waliitti buusuu
🚷Garee fi gooxii ijaarachuun namarattii duuluu
🚷Miilkaa'iina fi Guudiina namaatiiti gamaduu dhabu
🚷Hoojii nama haarkaa fashalleesu
🚷Danqaa fi Guufuu namattii tahuu
Inaaffaan farra guuddiinaa fi Miilkaa'iinaati!
Waan Rabbii siif Qoode abbaan feedhe si dhowwuu hin danda'uu... Tantee tantetuumaa hin innaafiin.... Inaaffaan Suummii Jiruu fi Jiireenyaati😈
@Abdulmalik
donidanoromo. blogspot. com 

Naannuummaafi Goosummaa


👉Naannuummaa fi Goosummaan.... 👇👇
🙅Farra Guuddiinaati
🙅Summii Miisoomaati
🙅Dhuukkuba tookkuummaati
🙅Danqaa Jiruu fi Jiireenyaati
🙅Guufuu Miilkaa'iinaati
🙅Sakaallaa dagaagiinaati
🙅Kan mii'aawuu haadheesa
🙅Kan Ijaaramee Diiga
🙅Jabaa laaffiisa
🙅Qaroo daalleesa
🙅Beekaa walaalchiisa
🙅Waliin jireenya haawaasaa Diiga
🙅Kan araaramee wal dhabsiisa
🙅Kan wal jaalatuu wal jibbisiisa
🙅Kan wal amanu wal shakisiisa
🙅Malaamaltuummaaf karaa saaqa
🙅Hoojmaati badaan akka babaldhatu taasiisa
   🚷🚷🚷🚷🚷👇👇👇👇🚷🚷🚷🚷🚷🚷
⛔Namnii sabaa fi goosa fiilatee dhalate hin jiru
⛔sabaa fi goostilleen keennaa waaqaati
⛔Ilmii namaa cuufti  waaqaa biirati wal qiixa
⛔Ilmii namaa Kan madaalamuun dandeettii, beekuumsa, Ilaalcha gaarii , quuqama sabaa , ammantummaa fi ittii gaafatamummaa akkasuumas diirqama lammuummaa ittii keename galmaa'aan ga'uun QOOFA!!!
@Abdulmalik 

Borena Broadcasting Media

Borena Broadcasting Media (BBM)
Promoting the Good prohibiting the bad!
yaada ka'eerattii miidiiyaan kuun maaliif nuu barbaachiisaa, Maal nuu fayyada waan jeedhu waan sammuu kiiyya keessa dhufee kana isiiniin gahaa isiiniis irrattii hiirmaadhaa, yaada gabbiisaa...........!!!
👉Siirnii gadaa Maal akka tahee, ummannii kuun qaroomina Siirna ittiin buulchiinsa haawaasaa baldhaa innii qabuu Maal akka fakkaatu aduunyaaf agarsiisa
👉Dhaloonnii haaraan aadaa fi seenaa isaa siirittii akka baratuu fi fuulduraafiis akka jabeefatu gahee guuddaa taphata
👉Midiiyaan kun rakkoo haawaasaa baldhaa keessa jiruu gadi fageenyaan qoorachuun qaama dhiimmii ilaaluuti dhiiyeesa.... akka fuurtu rakkootiiti uummata tajaajiila
👉Enyuummaan fi maalummaan saba tookkoo, haala jiruufi jireenyaa , aadaa, siirnaa fi duudha haawaasaa ifatii baasee agarsiisa
👉Huumna Goodiina Booranaa keesa jiruu ifaatti baasa... Iddoowwan seenaa qabeesa fi uumamaa daawatamuu qaban akka qaama biraatiin daawataman Carraa bana.... Turiistii haarkiisa
👉Waliiti hiidhamiinsa  saba oromoo, Saba oromo  Kan etiyoophiyaa jiruu fi keeniyaa jiruu ciimsa
👉Carraa Daldalaa akka ummamuu fi waliitti hiidhamiinsi gabaa akka uumamuu goodha
👉Muuxannoo gaggaarii haawaasaa ykn naannoo / biraa jiruu fiduun, haawaasaa keenyaaf qooduun jiruu fi jireenya haawaasa keenyaa fooyyeesa.. experience share
👉Huumna miisoomaa goodiini Booranaa qabuu qaama invest godhuun wal quunamsiisa... Goodiini keenya Carraa Investmantii akka argatuuf karaa bana....
👉Ijoollee naannoo hoorsiisee buulaa dandeetii fi keennaa addaa qaban karaa artiitiin dandeetii isaani akka guumaachan taasisa (diiraamaa, siirba aadaa, walaloo fi kkf)
👉Duumaratiis namoota miidiiyaa irrattii Muuxannoo qaban Kan akka Haamzaa Booranaa dhiimma kana osoo adda durummaan irrattii hiirmaatani jeedha!
Borena Broadcasting Media
Finiciail source
👉internal and external sources
... Internal source.....
Miidiiyaan kuun adda dureen miidiiyaa haawaasaa baldhaa hoorsiisee buulaa waan ta'eef yaada kana haawaasa Wajjiin baldhiinaan irrattii hiirmaachisuun barbaachiisaa dha.
1. Haawaasani hoorsiisee buulaa waan qabuu akka guumaachu goodhu
2. Hoojatannii moottuummaa Goodiina Booranaa keessattii argaman mataa mataan Qooda isaani akka bahan goochu
3. Aanootiin bajata idiilee isaanitirraa haaga muurtaa'aa akka Ramadan goochu
4. Hoojatooni miiti moottuummaa Goodiina Booranaa keesatti argaman akka irrattii hiirmaatan goochu
5. Dhaabileen miiti moottuummaa Goodiina Booranaa keessattii argaman (keessattuu) dhaabileen hubannoo ciimsuu irrattii hoojatan akka gargaaraa goochu
6.Daldaaltooni Goodina Booranaa keessattii argaman huundu
7.Abbootiin qabeennaa Goodiina Booranaa keessati argaman
8. Diiyaspooraa dhalataa Booranaa
9. Hoojatoota dhalootaan Booranaa naannoo biiraatiiti argaman
10. Baazaarii Fi Teletoona qoopheesu (Sadarkaa Goodiinaati)
11. Booranii keeniyaa jiru akka baldhiinaan nuu gargaaru toolchu
Ollaa
.. Konsoo
.. Guujii
External
1. Moottuummaa naannoo oromiyaa (Karaa biiroo aadaa fi Tuuriziimi)
2. Munuseera aadaa fi Tuuriziimi Feederaalaa
3. Dhaabiile aduunyaa pirojekti akkanaa deegaran ka akka UNESCO.... US EMBASSY barbaadu
4.Baankiwwan Misooma irrattii hoojatan (awash, oromiyaa, Banki daldal Itiyophiyaa
5. Boondin qoopheesu, lootarii, T shirt
6. Teletooni live... Caalbaasi adda addaa.....
7.sms teeleen
@Abdulmalik
Jiraadhaa!! 

Thursday, 20 September 2018

Dhugaa

Dhuugaa sifan dhaamaa
Kan nyaatee belahee kan belahee quufee
Kan taa’uu barisee kan barisee haafee
Addiin gurachahee gurachi addaate
Kan fagoo dhiiyaate kan dhihoo fagaate
Kijibni dhuugoomee ..dhuugaan awwaalamee
Barrii sodaachiissee jirruun wallaalme
Namnii dhuugaa qabatee Jedhame kijibaa
Kan kijibaan imalee tahee amanamaa
Imimaan dhuugaaaf yaa’ee…heddu ittii koflani
Dhiiga sobaaf jigeeti  biiyyee itti uwwiisani
……………………………….sidaallee dhaabaniif
Dhuugaa siifan dhaama..raayyaan sobaa cimee
Hiddaan si buqiisuuf baqachuuf si saamee
Hikaan dhugaa dhugaa ragaa siifan bahaa
Kan sii awwaluuf deemu biyyedhuma tahaa

Baguman jiiraadhe

Baguuman Jiraadhee!!!
Haamaa meeqan argee kan dhiiga jaallatu
Daallee meeqan argee kan humnaan dhaadatu
Nama meeqan argee kan garaa jabaatu
Soba meeqan arge kan dhuugaa fakkaatu
Dhuugaa meeqan argee kan guyyaan dhokatuu
Walaalaa heeddu argee kan beekaa fakkatu
Abjuu meeqan argee kan na gadisisuu
Waa meqan sodadhee  kan na gamachiisu
Haawwii meqan haawwee kan na abdachisuu
Sii kadhe  yaa waaqa lubbuun na tursisii
Icciiti jireenya dhuugaan na barsiisii
Fayyaale naaf keennii umriis na dheeressii
Jaalalaaf tokkumaa dansaa waliif yaaduu
Nu hin godhiin wallaalaa kan walitti aaduu