Monday, 17 September 2018

JIRAADHU OROMIYAA

….JIRAADHU OROMIYAA……
Meeqatu sitti haawwee meqa si gooraree
Meeqa si gammade meeqatu siti aree
Kan uumaan badhaate lafa eebifamtuu
Haaqqii kan kee malee kan biraa hin feetu
Heedduu garaa laafataa keesi ke qulquluu
Nyaachifteet obaaftaa ka haamtuun si laaluus
Eenyuu  sitti aaree enyuu siti hammaate
Enyuti si   saamee  ennuuti si nyaate
Damma sirraa nyaane foon sirraa kutannee
Aanan sirraa dhuugnee dheebu Keenya baanee
Handhuura ke waraanne midhaan sirra buufnee
Dhiibaa fi kumaatamaan bu’aa sirraa arganne
Duraaf duuba keellee rabbiin haa bareechu
Kan haamenya si yaadu rabbi nu haa olchu
Kan haamtu ke dhagahee gura issaa haa duchu
Kan hallon si laalus ijjii isaa haa jaamuu
Kan si haatu deemuus harki haa muramuu
Jiraadhu oromiyaa situu hunda naa caalee
Annuu silaa hin jiruu bar situu na dhalee
Akka haarme ko taate anna yooman walaale

No comments:

Post a Comment