Monday, 17 September 2018

Maq Baasa oromoo

Maqaa baasa oromo
maqa-baasa oromo-kan heedduu bareeddu
Lammiin si lagatee fuurmaata hin barbaaddu?
Maqaan ke awwaalame alagaan sii dhaalee
Maqaa amantaatiin si mancaasuuf yaale
Innii kaan ka arabaa kaan ka  kiristaanaa
Huundeen keenya cabee  mee maaluuma taanaa
Libaniif lookoo boonsaa fi gaadiisaa
Jaallattaaf elemoo Leencoo fi araarsaa
Qajeelaaf hoordofaa…lammi fi tokkuummaa
Maqaa dhala gootaa meeqaa kaman hiimaa?
Isa feetee hoordoofi amantaan kan dhuunfaa
Maqaa amantaatiin sabni miila qabuu akkam deemmaa haafaa?
Imali deemaa dha daandiin kan tookkummaa
Eenyumma kee beeki tanuuman siif dhaamaa!!

No comments:

Post a Comment