Thursday, 12 May 2016

Gatiin Haarmaa Meeqaa????



Gatiin Haarmaa Meeqaa????
Haarme qooma suufee haarma qoomaa dhabe
Afaaniin barbaade eessa akka dhaqbee?
Milaan dhiidhitadhe mallattoon barbaade
Iddo dhaqee dhabe eessa akka bade?
Oliifi gadi jeedhe haarkaan wawaraaqee 
isa kale hodheetu haardha na miliqee
Madda jiruu kooti ableedhaan muurani
Biiyya naaf quusachuuf  haarma guurguranii
Harma biyyaaf muran allaattiif laatani?
Maqaa tokkummaatiin harka nu kutani
……………………..lafee caccabsani
…………………….sanyii balleessani
Anaa afaan hin beekne kan na boochiisani
Yaa dheeboota dhiigaa yaa daldalaa lafee
Sagale koo dhagahii aniis lubbuun haafe!
Meeqaan muuratani  annis nan bitadhaa
Gatima kaleetiin  harma koo fuudhadhaa!
Iddoo itti guurguuran bitachufan dhaqaa??
Issiin hagam jeettan gatiin haarmaa meeqaa??

Doni Dan_2014

No comments:

Post a Comment