Maaltu na
boochiise?
Gadaameesa keessaa gaafan gadi bahu
Isiin hin dhageenye anin yeroon bohuu?
Maaltu na boochiise maaf na hin
gaafatiina?
Maaltu na beeksisee maal raajiin akkanaa?
Biiyya haarme kooti dhiisee yeeroon
dhufuu
Bilissuummaan haafe gabrummaati yoo kufu
Afaan feedhe haasa’e akka feedhe nyaadhe
Kofle buburaaqe utaale taphadhee
Osoo hin dhalatiin guuri na dhagahee…
ka haarmeen koo haasooftuu
kan koophaa gungumtu
Cuubbu ilma nama waan hedduu himattee
Tokkuumaaf jaalalaaf kan heedduu dheebotee
Dhala sanyii mooti kufee yeroon laaluu
Koophumma naaf wayyaa dhalachuun haa oluu
Jeedhee murtefadhuus uumaa hin faalleessu
Dhuugaa tahuun argee waan haarme boobeessu!
Donidaan_2013
No comments:
Post a Comment