Thursday, 12 May 2016

JIRUU


JIRUU
Utuun qabuu dhabee

Osoon taa’uu deemee

Osoo hin deemiin hafee

Osoo hin nyaatin quufee

Osoo hin ciisiin rafee

Osoon kofluu gaddee

Ba’aa meeqa baadhee

Jiruu dhuukbasadhee

Qoorsa dhuugaa dhabee

Baraan wal dadhabee

Sobnii dhuugaa dhaale

Jiruu koo wallaalee

Abdi kutadhetan gara waaqa laale

Harka koo na qabee dhibde ko na yaale!
Donidan_2014

No comments:

Post a Comment