Thursday, 12 May 2016

Haarka wal-qabadhaa!!



Haarka wal-qabadhaa!!
Daandi abbaa gadaa yaa daandi qajeelaa

Bu’ura tookkummaa maaf soobni si dhaalaa

Aananke dhuugani farsoo si laatani

Cooma ke muranii ka si tufatanii

Injiji fi injiraan attuummaan goobsitee

Galata olteefi maaf of  arabsiifte

Sa’aa abbaan gaaf cabsee ormi ija jaamsaa

Hiidda dhuugaan dhaabbate sobni baala  raasaa

Mukkeen damee heeddu baali magariisaa

Haarka wal qabadhaa dhuugaaf wali tumsaa

Tookkumma gudadhaa wal-hin guurgurinaa

Jaalalaan daraaraa  maaloo wal hin jibinaa

Yoo issin tokoomtan diinnii keessan kuufaa

Wal tufanaan garu salphiinaatu dhufaa

…………………………..maloo irraa haafaa

……………………….…maaloo offira dhisa

……………………………..Lakkiisaa lakkisaa!!

Donidan_2014

No comments:

Post a Comment