Saturday, 25 August 2018

KIJIBA

              #KIJIBA#
Ani Yoon  si   dhabee
Lubbuun hin jiraadhu
Du'ee  biiyyee  tahaa
Tana DHUGEEFADHU!!
.................................
Nyaataaf dhugaatiniis
Aana  jibbiisiisaa
Hiiribas hin qabu
Na sosodaachisaa
Yeeroon sii yaadadhu
Imiimaan loolaasaa
Onnees na gaggabsaa
Lafees na cacabsaa
......................................
Haattuu jaalalaatu
Onnee koo na saamee
Koophaa ko na dhiise
Du'a nattii dhaamee
.........................................
Qawwee Jaalalaatiin rasaasni dhuuka'ee
Tasuumaa hin dhageenyee ani nama du'e!
Maqaa Jaalalaatiin Kan du'uuf tirtiruu
Du'a soobaa dhiisii Dhukubiinu hin jiru!
                       #KIJIBA#
@Abdulmalik
#DERA

No comments:

Post a Comment